Mass Celebration of ''Iftar''

CelebrationSunday, March 1, 2026 – Thursday, March 19, 2026DaDU: Main Campus
Mass Celebration of ''Iftar''

Sagantaan Ifxaaraa Barattoota Musiliimaa Yuunivarsiitii Dambii Doollootti Geggeeffamee Jira.

Bitootessa 7, 2018 (Yuunivarsiitii Dambii Doolloo)

Sagantaan ifxaaraa barattoota Musiliimaa Yuunivarsiitii Dambii Doollootti haala ho’aan kan geggeeffame yoo tahu saganticharratti hoggansa ol'aanoo , miseensonni hoggansa giddugaleessa Yuunivarsiitichaa sadarkaa adda addaa irra jiran akkasuman hoggantoota mana amantii Isilaamaa sadarkaa godinaa fi magaalaa argamanii jira

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Dambii Doolloo, Doktor Taadasse Raggaasaa, barattoota Musiliimaa hundaan baga geessan jechuun barattootaa nagaa gaaffachuun ayyaanichi ayyaana eebbifamaa fi isa guddaa tahuu dubbataniiru. Itti dabaluunis yeroon Ramadaanaa Kun yeroo itti namootni rakkatan gargaaraman, yeroo itti tsoomani ramadaanaa namoota biroon hawwiin eegamuu fi yeroo akka biyyaatti nageenyaa fi jaalala labsinu tahuusaa ibsuun barattootni barnootasaanitti cimanii akka argaman dhaamsa dabarsaniiru

Itti Aanaa Pirezidaantii Dhimmoota Barnootaa kan ta’an Doktor Raddaa Namoo akka jedhanitti yeroo tsooma Ramadaanaa kana hariiroo jabaan barattoota gidduutti kan mul'ate tahuu, miiraa jaalala guddaa fi walqixxummaa kan dagaage tahuu qabatamaatti kan argame waan ta'eef gara fuula duraattis cimee kan itti fufee jabaatee dhabbatu tahuu akka qabu dubbataniiru.

Itti Aanaan Pirezidaantii Bulchiinsaa fi Misoomaa Yuunivarsiitichaa Doktor Gammachuu Birhaanuu gama isaaniin barattootaaf eega baga geessan jedhanii booda Isilaamummaan jaalala waan taheef jaalalatti jabaadhaa barnoota keessanittis cimaa jedhaniiru

Itti aansuun Mufti Haj Abdulqaadir Abdallaah Miseensi Yaa'ii Majlisa Itiyoophiyaa fi Dura ta'aan koree fatwaa Majlisa Godina Qellem Wallagaa kan tahan barattoota nagaa gaafatanii barattootni amantii isaanittis tahe barnoota isaanitti cimoo tahanii akka argaman gorsa jabaa kennaniiru.Sirna sagadaas geggeessaniiru.

Dhumarrattis namoota sagantaa kana qopheessuun dadhaban galateeffachuun sirnicha xumurameera.

Gallery

Mass Celebration of ''Iftar''
Mass Celebration of ''Iftar''
Mass Celebration of ''Iftar''